Barattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree Dhawaa Gootummaan Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo Dhagee
- theoromiadailypost

- Dec 3, 2004
- 1 min read
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree Dhawaa GootummaanWayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo Dhageessifatanhttp://wp.me/p57oNK-3LiMuddee 1, 2014 Goototni Barattootni Oromoo YuunibarsiitiiDirree Dhawaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sablammootaandhoksaan mootummaan Wayyaanee mooraa YuunibarsiitiiDirree Dawwaa keessatti gaggeessa jiru irratti dammaquunsirna mootummichaa fi gochaa Wayyaanee irratti diddaakaasuu Qeerroon gabaase.Halkan edaa sa’aa 12:30 wb irraa eegaluun hanga halkankeessa sa’a 5:00tti Mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dhawaadhuunfachuun walleewwaan warraaqsaa ABO fi uumataOromoo faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuundiddaa jabaa kaasan.Mootummaan Wayyaanees Qeerroon barattootni Oromoo FDGni kaasu sababaa jedhuun guyyaa ayyaana sabaa fisablamoota sobee itti fakkeessu kana kabajadha jechuunmuddamaa utuu jiruu waan godhu dhabee utuu barattootnihin beekiin mooraalee Yuunibarsiitii human waraanaaneegsiisaa ayyaanaa sabaa fi sablamoota jedhu dhoksaattimooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti kabajaajiraachuu Goototni Qeerroon barattootni Orpomoo irrattidammaquun gamtaan gaaffii mirgaa kaasuu fi walleeleewarraaqsaan mirga saba Oromoof falmaa bulan.Wallee ABO’n kallacha uummata Oromooti, ABO AbdiiUummata Oromoo fi gaachana Uummata Oromooti, ABO’ndimookiraasiif qabsa’a, ABO’n mirga ilma namaakabachiisuuf qabsaa’a, ABO’n mirga sabaa fi sablamootaahar’a Wayyaaneen ugguraa jirtu kabachiisuuf qabsa’ajechuun sagaalee warraaqsaa guddaa wallee warraaqsaaABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu dhageessisuunmootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.Mootummaan Wayyaanee human waraanaa heddumina qabubobbaasee sochii dargaggoota kana dhaabsisuuf yaaliiguddaa godhus dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoosoda tokko malee sagalee warraaqsaa wal irraa hin citne ittifufuun dhageesisan. Haala rakkisaa keessatti sagaleewarraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii DirreeDhawaa dhageesisaan.- Qeerroo.orgBarattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree DhawaaGootummaan Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo...
























Comments