top of page

Oduu ajaayibaa!!!

  • Writer: theoromiadailypost
    theoromiadailypost
  • Jul 12, 2014
  • 1 min read

Oduu ajaayibaa!!! magaalota gudguddoo Ameerikaa keessatti argaman keessaa tokko kan taatee fi "oromiyaa xiqqittii" jedhamtee kan beekamtu Menisootaa keessatti jiraattonni Oromoo magaalaa kana keessa jiraatan guyyaa gaafa jimaataa irraa jalqabee "duula nyaata lagachuu" kan jedhuun "obboloonni keenya rasaasaan waan dhumaa jiraniif hanga mootummaan biyya kanaa gochaa mootummaa itoopiyaa balaaleffatutti nyaata hin nyaannu" jedhanii mootummaa Menusootaaf ibsuu dhaan duula kana jalqaban!!! guyyaa sadii gootuu nyaata lagachuu dhaan lammii isaaniif dhaabbachuu isaanii hojiin kan agarsiisan jiraattonni Oromoo magaalaa kanaa sa'a muraasa dura milkaa'uudhaan mootummaan magaalaa kana gochaa itoopiyaa akka balaaleffatee fi kanas kan agarsiisu motummaa itoopiyaaf xalayaa akka barreesse ibseera!!! VIVA,VIVA,VIVA,VIVA!!! Isinitti boonnee jirra jiraattota Oromoo magaalaa kana keessatti hojii boonsaa dalagdan maraaf!!!


 
 
 

Comments


Featured Posts

bottom of page