Filmaata Dhufu Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversit
- theoromiadailypost

- Dec 27, 2014
- 2 min read
Filmaata Dhufu Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide. Abdii Dhabuudhaniis Hojiin Ibsaa GalchuuKaratti Hafe. Diddaan uummataa Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti haala wal hidhataan finiina jiraachuun kallattii adda addaan Qeerroon gabaasaa jira,Mootummaan Wayyaaneen yeroo ammaa dhimma filannoon wal qabsiisee uummata garaa laaffifachuudhaaf ummata biyattii qabachuudhaaf caasaa qabutti dhimma bahee filannoof qophii gochuutti jira, carraan filannoo inni gara uummata oromoo irraa qabu yeroo ammaa yaaddessaa fi akka hin filamnes waan shakkuuf,kanas maaliin uumatatti dhiyaachuu akka qabu karoora keessa waan galcheefuummata Oromoo qabachuudhaaf uummataaf waan gaarii hojjechuu, keessattuu uummata baadiyaa keessa jiraatuun filatamuudhaaf inni guddaan irratti xiyyeeffatee caasaa qabuun hojii eegalee jiru misoomadaandii hojjechuu ,projektii ibsaa galchuu fi mana barumsaa olanaa kan akka yuuniversitii babal’isuu jedhu uumataaf waadaa seenuu irratti torbeewwan kana keessa kan eegale, godina Qellem kanneen akkaaanaa Jimmaa Horroo, Anfilloo, magaalaa Dambi Doolloo,Qeebbee, keessatti duula kana irratti namoota isaa bobbaasee mootummaan uummataaf ibsaa galchaa jira, daandii baasa jira waan taheef sirna bulchiinsa isaa aangootti fayadamee har’a gahe kana isa baasuu diduu hubatee gara sobaan fakkeessaadhaan yaada uummataa argachuutti kaayyefatee caasaa OPDO keessaa kanneen dhalootaan oromoo hin tahin, uummata Oromoo gidduutti kan guddataniin dhimma bahuueegalee akka jiru gabaasni Qeerroo lixa Oromiyaa Qellem, Dambi Doolloo irraa addeessa.
Aanaa Jimmaa Horroo keessatti torbee kanakan hojjetamaa jiru hojii ibsaa galchuu irratti kanbobbahan, humna uummataatti fayadamee projektiiibsaa kana yeroodhaan akkaxumuramuuf uummataaf waamicha taasise keessattiuummanni aanaa kana keessa jiraatu hojii isaaniilagachuu fi argamuu diduun, kaayyoon mootummaaWayyaanee nuun nun fayadadu, uummata Oromooswan fayadu hin qabu kan jecha uummata irraadhagayaniin abdii uummata irraa dhabanii isakaayyefatan daandiitti gubbaatti feshelaa’ee hafe,ammas taanan uummanni kan jedhu filannoonkeessan jala geenyaan ibsaa galchitanii, kaleessaijoollee keenya ajjeeftani, hojii irraa ariitanijechuudhaan Muddee 20 irraa kaasaniiduula mootummaan wayyaanee uummata oromookeessatti filatamuuf jecha hojii sobaa eegaleuummataan feshala’aa jiraachuu godina Qellem,aanaalee garagaraa irraa dhagayamaa jira. aanaakana keessatti uummatni Qote bulaan Qeerroo waliinjiraatee diddaa waan jabeesseef, akkasumahojiin Wayyaaneen caasaa isaan uumata keessattidalagu dhoksaattis tahe mul’inatti ifatti bahaa waanjiruu kana hunda hubachuu irraan uummatichi ABOdha jechuu eegale, qorachuufis uummata kana kanqoratee dhiisu wallaaluu gama caasaa caasaamootumaa godina Qellem irraa Qeerroo qaqqabuungabaasni nu gahaa jiru addeessa. Haalumakanaan tokkummaan uummataa Qeerroo waliincimee kan jiru tahuu isaa kunoo gabaasonni Qeerroolixa oromiyaa, Qellem irraa nu gaha jira.























Comments